Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen misoomaa mootummaa 7 irra hidaan biyya keessaa fi alaa Birrii biiliyoonni dhibbi 7 fi biiliyoonni 80  jiraachuu mirkana’e

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC)- Dhaabbileen misoomaa mootummaa 7 irra hidaan biyya keessaa fi alaa Birrii biiliyoonni dhibbi 7 fi biiliyoonni 80 ykn Doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 19  jiraachuu mirkanaa’uu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Diinagdeen maakiroo tasgabba’uu dhabuun deebii laachuuf mootummaan liqaa fi sababoota bu’uraa dhaabbilee misoomaan walqabsiisee hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Kanaafis mootummaan gamaggamaa hunda galeessaa erga taasisee booda dhaabbilee misoomaa 7 hidaan olaanaa akka irra jiru adda ba’aaniiru jedhe.

Dhaabbileen kunneen humna elektirikaa Ityoophiyaa, tajaajila elektirikaa Ityoophiyaa, korporeeshiinii baaburaa lafaa Ityoophiyaa, Ityoo Injinariing gruup, korporeeshinii indaastirii keemikaalaa, korporeeshinii hojiiwwan konistiraakshinii fi korporeeshinii sukkaraadha.

Dhaabbileen kunneen sadarkaa idil addunyaa fi biyya keessaan hidaan Birrii biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 80 irratti argameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.