Naannoo Kibbaa aanaa addaa Baaskeettootti walitti bu’iinsa walii waliinii ka’een namoonni dhuunfa 35 miidhaa qaqqabsisan hidhan adabamaan
Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC)- Naannoo Kibbaa aanaa addaa Baaskeettootti walitti bu’iinsa walii waliinii ka’een namoonni dhuunfa 35 miidhaa qaqqabsisaniiru jedhaman hidhan adabaman.
Namoonni dhuunfa 35 kunneen lubbuu namoota balleessuu hawaasa kuma 31 qe’eesaaniirra akka buqqa’aan taasisaniiru.
Namoonni dhuunfa 35 yakkichaan himatamaan hidha waggaa 8 hanga 20 adabamaniiru.
Himatamtoonni kunneen Fulbaana 16, 2011 gandoota 11 keessaatti waliitti bu’iinsa walii waliinii uumuun qabeenyaa Birrii miiliyoona 88 olitti tilmaamuu barbadeessaniiru.
Murtoon adabichaa kan darbe dhaddachaa yakka daddabarsaa Arbaa Mincii fi naannichaa mana murtii olaanaa federaalaa 3ffaatidha.
Himatamtoonni kunneen hoggantoota godinichaa fi aanaa aaddaa Baaskeettoodha.
Himatamtoonni kunneen dargaggoota gurmeessuun hawaasa bara dheeraaf jaalalaa fi wal kabajaan jiraata turaan walitti buusuun ibsameera.
Walitti bu’iinsa kanaan Fulbaana 16, 2011 lubbuun namoota 4 yoo darbuu, qabeenyii Birrii miiliyoona 88 olitti tilmaamuu barbada’uu ibsameera.
Taariik Addunyaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.