Ministeerri Galiiwwaniin meeshaalee birrii miiliyoona dhibba 9 olitti tilmaamaman akaakuun deeggarsa taasiise
Finfinnee, Bitootessa 16, 2013 (FBC) – Ministeerri Galiiwwaniin lammiilee balaa uumamamaa fi namtolcheen miidhamaniif meeshaalee birrii miiliyoona dhibba 9 olitti tilmaamaman akaakuun deeggarsa taasiisuu beeksiseera.
Ministeerichi guyyaa har’aa galteewwan midhaan nyaataa fi uffataalee birrii miiliyoona dhibba 9 fi kuma dhibba 5 olitti tilmaamaman naannolee, bulchiinsa magaalotaa fi waldaa tola oolaa Maqdooniyaaf deeggarsa taasiiseera.
Ministeerichi baatiwwan saddeettan darbanitti birrii biiliyoona 1.3 akaakuun deeggarsa taasiisuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaalew ibaniiru.
Guyyaa har’aa lammiilee balaa uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif deeggarsi taasiifamuu Komishinarri Komishinii Gumruukaa obbo Dabalee Qaabataan ibsuu isaanii ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.