Fana: At a Speed of Life!

Indooneezhiyaatti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 21 darbe

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Indooneezhiyaa magaala Jakaartaatti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 16 darbuu himame.

Rooba cimaa roobeen Jaakartaatti miidhaan namaa fi qabeenya irra ga’uu Ejansiin Raaga Haala Qilleensaa biyyattii beeksisee jira.

Roobni kun erga bara Faranjootaa 1996 as isa olaanaadha jedhameera.

Lolichi iddoo tokko tokkotti balaa sigiga lafaa qaqqabsiisuus himameera.

Namoonni hedduun rooba bubbee makameen yoo miidhaman, kanneen muraasni ammoo balaa sigiga lafaan miidhamaniiru.

Namoonni humna  elektiraan du’anis jiraachuu ibsameera.

Bara 2013 namoonni 47, bara 2007 ammoo namoonni 50 biyyattiitti balaa lolaan lubbuun isaanii darbuu himameera.

Preezdaantiin biyyaatti Jookoo Wiidoodoon bara dhufu irraa eegalee teessoo isaanii Jaakartaa irraa gara baha Boorne’ootti jijjiiruuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru.

Jaakartaan magaala addunyaarraa saffisaan dhidhimaa jirtu yoo taatu hanga bara Faranjootaa 2050tti guutumaan guutuutti dhidhimuu akka dandeessu ogeeyyiin himaa jiru.

Maddi:- BBC

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.