Obbo Dammaqaan Sudaanii fi Sudaan Kibbaatti ergamaa addaa Ameerikaa waliin dhimmoota hidha haaromsaarratti mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Sudaanii fi Sudaan Kibbaatti jila ergamaa addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Doonaald Buuziin durfamu waliin dhimmoota hidha haaromsaarratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan marii sadee fI Dhimmoota walqabatan irratti ibsa taasiisaniiru.
Ityoophiyaan laga Abbayyaaf % 86 bishaan gumaachitus lammiileen ishee % 60 dhiyeessii humna ibsaa malee dukkana keessa kan jiraatan ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi Hidha Haaromsaa lammiileen dukkana keessa jiraatan ifa akka argataniif proojektii hojjetamaa jiru ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaan biyyoota yaa’a gadii miidhuuf fedhii kan hin qabaanne ta’uu jilicha hubachiisaniiru.
Sodaa Sudaanii fi Gibtsi qaban mariin hiikuuf Ityoophiyaan murannoon hojjechaa turuu kaasaniiru.
Biyyoonni michuun akka Ameerikaa mariin taasiifamu akka milkaa’uuf tattaaffii akka taasiisan gaafataniiru.
Dhimicharratti Ameerikaa waliin hojjechuuf Ityoophiyaan qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.