Hidha Haaromsaa Guddichaa ilaalchisee gaaffiin mariisisaa qaama 4ffaan akka seenuu gaafatame hiikkaa kan hin qabneedha-Ministeera Dhimma Alaa
Finfinnee, Bitootessa 14, 2013 ( FBC) – Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa ilaalchisee mariin sadeenii osoo hin goolabamiin gaaffiin marisiisaa qaamni 4ffaa akka seenuuf gaatamee hiikkaa kan hin qabne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsa laataniin Ityoophiyaan marii sadeenii Gamtaa Afrikaan hogganamuu waliin jirti jedhaniiru.
Yeroo amma kana mariin sadeenii sababa cee’umsaa aangoo dura taa’aa Gamtaa Afrikaan yeroof addaan cituu ibsaniiru.
Dura taa’ummaa Gamtichaa Afrikaa Kibbaarra kan fudhattee Demookraatik Rippaabiliik Koongoon maricha ilaalchisee biyyoota sadeen dhuunfaan haasfsiisuu ibsaniiru.
Yeroo amma kanaas marichi bu’a qabeessaa ta’uu fi dhabuun osoo hin beekkamiin marii kan biraa waamuun barbachiisaa akka hin taanee Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.