Biiroon Bulchinsaa fi Misooma Manneenii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee rakkoo fi fedhii mana jireenyaa hawaasaa furuuf hojjechaa jiraachuu ibse
Finfinnee, Bitootessa 14, 2013 (FBC) – Biiroon Bulchinsaa fi Misooma Manneenii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee rakkoofi fedhii mana jireenyaa hawaasaa furuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Biiroon Bulchinsaafi Misooma Manneenii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee rakkoofi fedhii mana jireenyaa hawaasaa furuun fayyadamoo gochuuf Waldaa hojii Gamtaa Manneen Waliiniin kannen bara 2005 irraa eegalanii Sagantaa misooma manneenii 20/80 fi 40/60 qusachaa turan hirmaachisuun hojiitti galuuf qajeelfama baheerratti ibsa laateera.
Hoggantuun Biirichaa Dooktar Maskaram Zawdee, kanneen mana jireenyaa waliiniif bara 2005 irraa eegalanii qusachaa turaniifi galmee qusannaa isaanii hin cufamne fedhii fi ga’umsa waldaa hojii gamtaa manneen waliinii kessatti hirmaachuu barbaadan qofatu galmaa’a jedhaniru.
Kanneen fedha walfakkaataan gurmaa’an akka wal baran ni taasifama jedhan.
Ammatti kanneen Waldaa hojii Gamtaa manneeniin gurmaa’an G+9 Miseensoota 90 fi 2B+G+13 Miseensoota 120 hirmaachisu qofa ta’a.
Kanaafis waldaan gurmaa’ee danbii ittin bulmaataa Waldaa labsii bahe eege 70% akkaawuntii cufaatti qusachuu qaba.
Erga kun mirkanaa’ee Biiroon Bulchiinsa Misooma Manneenii Magaalaa Finfinnee Biiroo Bulchiinsaa fi Misooma Lafa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun lafa mana waliinii irratti ijaaramu ni qopheessa.
Akkaataa fedha qabaniin gurmaa’anii Mana waliinii Abbaa Ciisicha 1, 2 fi 3 adda bahee carraan bakka itti ijaarratanii bu’a.
Qaamnii lafa ijaarsa mirkanessuu dhimma lafaa ni raawwata.
Waldaan hojii gamtaa manneen waliinii dizaayinii barbaadan dhaabbata ijaarsa, baankii fi qaamoolee qaama ijaarsaa ta’an waliin waliigaltee seera qabeesaa raawwachuu ni danda’a.
Kanneen Waldaa hojii Gamtaa manneen Waliinii keessatti gurmaa’aan sagantaa manaa dura galmaa’ee qusachaa ture keessaa bahuuf fedha kan qabu, bara 1997 kaasee maqaa isaatiifi hadha warraa isaatiin manaafi lafa kan hin qabneefi manaafi lafa maqaa isaatiin ture kan hin gurgurreefi kennaadhaan qaama biraaf kan hindabarsine ta’uu qaba.
Waldaan hojii gamtaa kun dubartoota 30%, hojjattoota mootummaa 20%, qaama miidhamtoota 5% fayyadamoo taasisa jedhame.
Dabalataaniis fayyadamtootaa hubachisuuf Kamisa dhufutti mariin qabaahuu, karaan galmees ‘On line’ akka ta’us Dooktar Maskaram Zawde himaniru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.