Dooktar Abiy dandeettii fi qophii Afrikaan Covid -19 ittisuuf agarsiifte dinqisiifatan
Finfinnee, Bitootessa 13, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Afrikaan dhiibbaa weerara vaayrasii koroonaa dandamachuuf dandeettii fi qophii agarsiifte dinqisiifataniiru.
Dooktar Abiy Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Yaa’ii 53ffaa Ministiroota Maallaqaa, Karooraa fi Misooma Diingadee Komishinii Diinagdee Gamtaa Afrikaarratti hirmaataniiru.
Baniinsa sagantichaarratti haasawaa taasiisaniin,rakkolee uumamaaa fi namoomaa yeroo ammaa addunyaa raasaa jiru waliin walqabatee duub deebiin kalaqaan deeggarame kan barbaachisu ta’uu isaa eeraniiru.
Dooktar Abiy yeroo itti aanu Tiraanisfoormeeshinii Diijitaalaa, jijjiirrama qabeenya qilleensaa diinagdeerratti xiyyeeffatee fi hojiirra oolmaa isaanirratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.