Poolisiin qaamolee odeeffannoo sobaa tamsaasaan akeekkachiise
Finfinnee, Bitootessa 13, 2013 (FBC)- Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee qaamolee haleellaan sabummaa fi amantii bu’ureeffatee rawwatamuufi jechuun odeeffannoo sobaa tamsaasaan akeekkachiisera.
Komiishinichi ibsa baaseen miidiyaalee hawaasa tokko tokkoorratti odeeffannoowwan hawaasa burjaajeessaa tamsa’aa jira jedheera.
Odeeffannoon sobaa miidayalee hawaasan tamsaa’aa jiru dargaggoonni uuffata seeraa poolisii magaalaa Finfinnee uffachuun garuu immoo waraqaa eenyummaa hin qabne manaa manarraa naanna’uun sabummaa fi amantii galmeessa jiru jedhe poolisiin.
Poolisiin humnoota farreen naeenyaatin odeeffannoo sobaa hawaasa burjaajeessuuf akkasumaas sabaa fi sablammii walitti buusuuf hawaasarratti sodaa nageenyaa uumuuf ta’ee jedhamee karoorfamee akka tamsa’ee ibseera.
Hawaasni odeeffannoowwan sobaa tamsaa’aa jirurra of qusachuun akka qabuu poolisiin yaadachiiseera.
Hawaasni deeggarsa hojii nageenyaa taasisaa jiruu cimsee akka itti fufuu waamichii kan dhiyaateera.
Tajaajilaa poolisii argachuufis ta’e dhimmoota shakkisisaaf eeruu laachuuf sararrii bilbilaa bilisaa 991 ykn lakkoofsaa bilbilaa 01-11-11-01-11 kanatti fayyadamuun eeruu laachuu akka danda’amuu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.