Fana: At a Speed of Life!

Buufanni raabsa humna elektirikaa Giincii Doolaara miiliyoona 8.4n ijaarame eebbifame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2013 (FBC) – Buufanni raabsa humna elektirikaa Giincii Doolaara miiliyoona 8.4n ijaarame har’a bakka hoggantoonni mootummaa olaanoon argamanitti eebbifameera.
Eebba Proojaktichirratti Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan akkasumas hoggantonni mootummmaa federaalaa fi naannoo Oromiyaa argamaniiru.
Preezdant Shimallis haasa baninsaa sirna ebbichaarratti taasisaaniin, mootumman jijjiirama ni yaada, kan yaadee hojiitti hiikaa jira jedhaniiru.
Buufanni raabsa humna elektirikaa Giincii guyyaa hardhaa ifatti ebbiffamee jiraattoota godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat, Jalduu, Coobii, Dandii fi Ejersaa Lafoo ni taajajilaa jedhameera.
Preezdaant Shimallis yeroo itti aanuu keessattis magaalaa Shaambuu, Najjoo fi aanaa Shukutee tajaajila humna elektirikaa akka argataniif kallatti ka’amee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Buufanni raabsaa humna elektiriikii Giincii kun abbaa Kiiloo vooltii 230/15 ta’uu ibsameera.
Buufatichi tiraansformaroota abbaa meegaa voolti 50 lama kan qabudha.
Sararoota ba’umsaa 15 dandeetti meegaa waatii 100 baachuu danda’an kan qabudha.
Gammachuu Beekumaati gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comment
Share
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.