Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Preezdaantii Taanzaaniyaa haaraaf ergaa deeggarsaa dabarsan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Preedaantii haaraa Taanzaaniyaa Saamiiyaa Suuhuuluuf ergaa deeggarsaa dabarsaniiru.

Gadda biyyaa fi ummata isaaniirra qaqqabe keessaa ba’uun Taanzaaniyaa waggoottan shanan dhufaniif hogganuuf gara aangootti dhufuun isaanii Taanzaaniyaa qofaaf osoo hin taane naannichaa fi ardichaaf faayidaa guddaa qabaachuu ergaa deeggarsaa dabarsaniin ibsaniiru.

Ardichatti dubartoonni gara aangootti dhufuun dubartootaaf sagalee ta’uu qofa osoo hin taane dubartoonni akka danda’an arsiiftuudha jedhan.

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen Saamiiyaan wayita itti gaafatamummaa guddaa itti laatame ba’an cinaa isaanii kan dhaabbatan ta’uu dubbataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.