Fana: At a Speed of Life!

Saamiyaa Suuluuhuun har’a Preezdaantii Taanzaaniyaa ta’uun kakuu ni raawwatu

Finfinnee, Bitootessa 10, 2013 (FBC) – Itti aantuu Preezdaantii Taanzaaniyaa kan turan Saamiyaa Suuluuhuun har’a Preezdaantii Taanzaaniyaa ta’uun kakuu ni raawwatu jedhame.
Boqachuu Preezdaantii Taanzaaniyaa Joon Maaguufuuliin hordofee itti aantuu Preezdaantii Taanzaaniyaa kan turan Saamiyaa Suuluuhuun har’a Daareesalaamiitti kakuu kan raawwatan ta’uu Dubbii Himaan Mootummaa biyyattii beeksiiseera.
Saamiyaa Suuluuhuun dubartii jalqaabaa Preezdaantii Taanzaaniyaa taate ta’u jedhameera.
Saamiyaan hanga bara Faranjootaa 2025niitti Preezdaantii Taanzaaniyaa ta’uun kan tajaajilan ta’uu ibsameera.
Paartiin isaanii Sanbata dhufu walga’ii koree giddugaleessaa gaggeessuun itti aanaa Preezdaantii ni filata jedhamee eeggama.
Maddi :- Nation
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.