Tuuriizim Ityoophiyaa fi Feesbuukiin sagantaa gurgurtaa diijitaalaa eegalchiisan
Finfinnee, Bitootessa 9, 2013 (FBC) – Tuuriizim Ityoophiyaa fi Feesbuukiin dameen Tuuriizimii weerara vaayrasii koroonaarraa dandamachiisuuf sagantaa gurgurtaa diijitaalaa ifatti eegalchiisaniiru.
Sagantichi tumsaan kan hojjetamu yoo ta’uu, miidiyaan biyya keessaa Samar hojiitti hiika jedhame.
Sagantichi sadarkaa duraatti damee Tuuriizimii sababa weerara vaayrasii koroonaan miidhame dandamachiisuuf hojiirra oola jedhameera.
Qaamoleen daldalaa xixiqqaarratti bobba’an Feesbuukii, Insitaagiraamii fi Waatisaappii fayyadamuun kallattiin daldala akka gaggeessan taasiisuuf kan kaayyeeffame ta’uu himameera.
Sagantaan kun damicha si’eessuu akka danda’u abdiin kan itti laatame ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.