Muusaa Faakiin boqachuu Preezdaantii Taanzaaniyaatti gadda itti dhaga’ame ibsan
Finfinnee, Bitootessa 9, 2013 (FBC) – Komishinarri Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat boqachuu Preezdaantii Taanzaaniyaa Joon Maaguufuulii gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Muusaa Faakiin mootummaa fi ummata Taanzaaniyaaf jajjabina hawwaniiru.
Preezdaantiin Taanzaaniyaa Joon Maaguufuliin umrii isaanii waggaa 61ffaatti halkan edaa addunyaa kanarraa du’aan boqachuusaanii kan yaadatamuudha.
Taanzaaniyaan guyyoonni 14n dhufan guyyaa gaddaa biyyaalessaa akka ta’u labsiteerti.
Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa garaagaraa gadda itti dhaga’ame ibsachaa jiraachuu himaeera.
Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaatiin guyyoota 7f guyyaa gaddaa biyyaalessaa labsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna