Ityoophiyaan guddina ishee itti fufaa taasiisuuf muuxxannoo Humnaa Arjentiinaa ni fudhatti – Dooktar Nagarii Leencoo
Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 (FBC) – Mana Maree Bakka Bu’oota Uummatti walitti qabaan koree dhaabbii dhimmoota hariiroo alaa fi nageenyaa Dooktar Nagarii Leencoon jila Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Arjentiinaa Guustaavoo Teewoodiroosiin durfamu waliin mari’tan.
Ityoophiyaan hariiroo waloo biyyoota lamaanii gama daldalaa, Invastimantii, Saayinsii fiTeeknooloojii, Ispoortii, Tuuriizimii fi damee aartiin qabdu caalmaatti cimsuuf kan hojjettu ta’uu Dooktar Nagarii Leencoon ibsaniiru.
Ityoophiyaan rakkoo keessaa fi alaa dandamachuun guddina diinagdee saffisaa galmeessaa jiraachuu himaniiru.
Giddinichi itti fufiinsa akka qabaatu muuxxannoo madda aannilsaa haaromuu Arjentiinaa fudhachuun damee misooma magariisaa guddisuu dabalatee xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.
Dooktar Nagariin duula olaantummaa seeraa naannoo Tigraayiitti gaggeeffame ilaalchisee ibsa kan laatan yoo ta’uu, mootummaan federaalaa dirqamee gara tarkaanfii seeraatti seenuu himaniiru.
Ambaasaaddar Guustaavoo Teewoodiroos gama isaan Arjentiinaan dameewwan daldalaa, Invastimantii, Saayinsii fiTeeknooloojii, Ispoortii, Tuuriizimii ogummaa aartii fi madda aanniisaa haaromuurraatti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Hariiroon daldalaa biyyoota lamaanii saffisaa taasiisuuf Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa torbanitti guyyoota sadi balallii gara Arjentiiniitti akka taasiisu mootummaa isaanii waliin dubbachuu eeraniiru.
Duula olaantummaa seeraa mootummaan federaalaa naannoo Tigraayiitti gaggeessee hordofee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhiibbaa manni maree nageenyaa taasiisuuf Arjentiinaan Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbatu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Mana Marichaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.