Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan michuu Ityoophiyaa murteessituudha – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 (FBC) – Mariin Siyaasaa jalqabaa Ityoo – Chaayinaa sadarkaa Ministir Deettawwaniitti gaggeeffameera.
Marii viidiyoo Konfaransiin gaggeeffameerratti Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi gargaaraan Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Deeng Liin hirmaataniiru.
Chaayinaan michuu Ityoophiyaa murteessituu ta’uu Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsaniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroo Siyaasaa, daldalaa, Diinagdee fi dhimmoota namoomaa cimaa qabaachuu eeraniiru.
Chaayinaan yaada murtoo giddu galummaa Ityoophiyaarratti dhiyaate mormuu ishee galateeffataniiru.
Akkasumas tumsa bu’uuraalee misoomaa, diinagdee, hirmaannaa Invaastimantii fi teeknikaa Chaayinaan taasiisaa jirtus galateeffataniiru.
Gargaaraan Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Deeng Liin gama isaaniin,Ityoophiyaa fi Chaayinaan tarsiimoo waloo qabaachuu ibsaniiru.
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf biyyoonni lamaan tumsa bu’aa qabeessa taasiisuu eeraniiru.
Chaayinaan hariiroo waloo Ityoophiyaa waliin qabdu damee hundaan cimsuuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.
Marii isaaniin haala waqtaawaa naannoo Tigraay, dhimma Hidha Haaromsaa fi waldhabdee Daangaa Ityoo – Sudaanirratti yaada wal jijjiiruu isaanii ragaan Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.