Sirni barnootaa haaraan haala waqtaawaa giddugaleessa godhate qophaa’aa jira – Ministeera Barnootaa
Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 (FBC) – Sirni barnootaa waliigalaa haaraan haala waqtaawaa giddugaleessa godhate qophaa’aa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Ministeerri barnootaa sirna barnootaa waliigalaa haaraa fooyyeesuu fi gara hojiitti hiikuuf waltajjiin qorannoo gaggeeffaamaa jiraachuu ibseera.
Sirni barnootaa qophaa’aa jiru rakkoolee kana dura sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 12ffaatti jiru furuu bifa danda’uu qophaa’uu Bakka buutuun daayreektara qophii fi hojiirra oolmaa sirna barnootaa ministeerichaa aadde Zaafaa Abrahaan ibsaniiru.
Sirni barnootichaa qabiyyee,ulaagaalee ga’umsaa fi sanadoota dhaabbilee mirkaneessa ga’oominaa biyyaa keessaa fi alaarraa muuxxannoo argameen kan gamaaggamame ta’uu ibsaniiru.
Qophii sirna barnootaa haaraa kanarrtti ogeeyyiin Afaanii, Herreegaa, Saayinsii, hawaasummaa fi qooda fudhattoonni hirmaachuu himameera.
Waltajjii qorannoo gaggeeffamaa jirurratti hirmaattoonni Ministeera Barnootaa, naannolee fi bulchiinsa magaalootaa,hayyoonnii fi ogeeyyiin dhaabbilee barnoota olaanoo wiirtuu teeknooloojii 5 keessaa walitti babba’anii fi waldaaleen Siiviilii argamaniiru.
Waltajjiin galtee walitti qabuu erga xummuramee booda sirni barnootaa haaraan hojiirra oolmaaf naannoleef kan ergamu ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.