Ijaarsa Hidha Haaromsaa xummuruun dhaloota boruuf hojjechuudha – Obbo Dammaqaa Makonniin
Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 (FBC) – Ijaarsa Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa waggaa 10ffaa sababeeffachuun Siimpooziyeemiin gaggeeffamaa jira.
Siimpooziyeemiin Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii qopheesse kanarratti Hayyoonni dhaabbilee olaanaa marii sadee hidha haaromsaarratti hirmaatanii fi hoggantoonni olaanoon mootummaa argamaniiru.
Abbay Misoomsuu fi Ijaarsa Hidha Haaromsaa xummursiisuun dhaloota boruuf hojjechuu fi birmadummaa Ityoophiyaa mirkaneessuu jedhan itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministeerri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin.
Ijaarsi waliigalaa Hidhichaa % 79 irra ga’uu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.
Ganna dhufu guutiinsa bishaanii marsaa 2ffaa raawwachuuf beellamni qabame haala kamiiniyyuu kan hin dheerannee fi wanti sababa ta’uus jiru jedhan Dooktar Injiinar Silashiin.
Siimpooziyeemichi haala waliigalaa ijaarsichaa, sadarkaa marii sadeen irra jiruu, yaada galtee walitti qabuu fi waggaa 10ffaa hidhachaa kabajuuf kan qophaa’e ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.