Fana: At a Speed of Life!

Boordiin daayreektara Trast Fandii Diyaaspooraa Ityoophiyaa qophii proojaktii xumuruu beeksise

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Boordiin daayreektara Trast Fandii Diyaaspooraa Ityoophiyaa qophii proojaktoota adda baasuu xumuruu beeksise.
 
Qophichaan proojaktoota 22 adda baasuusaa beeksiseera.
 
Qophiin proojaktii jalqabaa Fulbaana darbe keessa mata duree “Tumsi diyaaspooraa Ityoophiyaa, jireenyaa fi hawaasummaa fooyyessuuf lammiilee deeggarsa barbaadaniif qaqqabuu” jedhuun kan eegalamedha.
 
Erga sanaayis proojaktoota dhiyaataniif 300 keessaa hojiirra ooluu kan qaban adda baasaa tureera.
 
Isaan keessaa 22n adda baafaman baajatni, humnii fi bulchiinsi ilaallamee hojiirra ni oolu jedheera boordiin daayreektara Trast Fandii Diyaaspooraa Ityoophiyaa ibsa baasen.
 
Proojaktoota hojiirra akka oolaniif adda baafaman kanneen kan filate tola ooltota hayyoota Ityoophiyaa keessa hojjetanii fi hawaasa diyaaspooraa Ityoophiyaati jedhameera.
 
Ulaagaan ittiin adda baafaman waaraa ta’uu, humni kuufamaan jiraachuu, egereen isaanii guddachuu kan danda’u, qabatamummaa ta’uu, kalaqaa fi innooveeshinii kan qaban, maallaqa kan qusatan, iftoomina, koominikeeshinii fi dorgomtummaa naannoo kan qabani jedhameera.
 
Dura taa’aan boordii daayreektara Trast Fandii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Iyyasuus Warq Zaafuun fandiin argame proojaktoota filatamaniif qixa ni qoodama jedhaniiru.
 
Marsaa jalqabaatin Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 4 qabameera.
 
Baajatni xiqqaa fi olaanaan proojaktiif ramadamu $200,000 fi $350,000 duraa duuban.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.