Komiishinichaaf deeggarsi meeshaalee qorannoo garagaraa gaggeeffamuu tumsu taasifame
Finfinnee, Bitootessa 7, 2013 (FBC) – Komiishinii Poolisii Federaalaaf deeggarsi meeshaalee qorannoo garagaraa gaggeeffamu tumsu taasifameera.
Deeggarsichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti waajjira baala sammuu namaa hadoochaanii fi yakkoota biroo sagantaa bulchiinsa yaa’insa fooyya’aan kan taasifamee ta’u ibsameera.
Ergaamni olaanaa waajjirichaa sadarkaa idil addunyaatti yakkoota baala sammuu namaa hadoochaanii, malaanmaltummaa, shororkeessummaa fi kanneen biroo ittisuun nageenyaa fi tasgabbii, mirga namoomaa kabachiisuu fi misoomaarratti shooraa olaanaa qaba jedhameera.
Deeggarsi taasifamee hojii tajaajila qorannoo yakkaa komiishiniin poolisii federaa hojjetuuf kan oolu ta’uu ibsameera.
Itti aanaan Komishinaraa Koomishinii Poolisii Federaala Jeneraal Zalaalaam Mangisteen, deeggarsi dhaabbatichaan taasifamee hojiiwwan qorannoo yakkaaf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.
Deeggarsa taasifameesif galateeffachuu ragaan komiishinicharra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.