Weerarri vaayrasii koroonaa sadarkaa olaanaan hawaasa keessatti faca’aa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC) – Weerarri vaayrasii koroonaa sadarkaa olaanaan hawaasa keessatti faca’aa jiraachuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiise.
Inistiityuutichi haala faca’iinsa vaayrasichaa torbee tokkoo ilaalchisee ibsa laateen vaaryasiin koroonaa sadarkaa olaanaan hawaasa keessatti faca’aa jiraachuu ibseera.
Guyyaa 7 keessatti namoota kuma 49 fi 326f qorannoo laabraatoorii taasiifame keessaa vaayrasichi namoota kuma 9 fi 329 irratti argamuu himeera.
Namoota 100 keessaa namoonni 19 vaayrasichaan qabamuu agarsiisa jedhame.
Haalli faca’iinsa isaa torbeewwan darbaniin yoo madaallame kan torbee kanaa %32 daballii agarsiisuu Inistiityuutichi ifoomseera.
Guyyoota 7n darban keessa labbuun namoota 121 kan darbe yoo ta’u, % 89 daballii muul’iseera jedhame.
Lakkoofsi namoota yaala wallansa cimaa barbaadanii guyyaa gara guyyaatti dabalaa dhufuun ibseera.
Yeroo ammaa namoonni 467 yaala wallaansa cimaa keessatti argamu jedhame.
Namoota gidduugala yaala Covid – 19 galan 100 keessaa namoonni 69 kanneen Oksijiinii hamma garaagaraa barbaadan ta’uu Inistiityuutichi himeera.
Faca’iinsa dhibichaa haalan dabalaa jiru ittisuuf hawaasni qajeelfamoota ba’an hojiitti hiikuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.