Lammiileen Ityoophiyaan Jeeneevaatti hiriira deeggarsaa gaggeessan
Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa haala qabatamaa fi waqtaawaa biyyattii beeksiisuuf Siwizarlaand Jeeneevaatti hiriira deeggarsaa gaggeessaniiru.
Lammiileen kunneen gidduu seenummaan biyyoota alaa akka dhaabbatu sagalee mormii dhageessisaniiru.
Birmadummaan Ityoophiyaa akka kabajamu yaadachiisaniiru.
Odeeffannoo sobaa gareen ABUT tamsaasuun Ityoophiyaarra miidhaan hin barbaachifne ga’uu akka hin qabne hiriirtoonni kunneen gaafataniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaan Awurooppaa fi Amkeerikaan odeeffannoon gareen kun tamsaasu dogongora ta’uu akka hubatan gaafataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.