Fana: At a Speed of Life!

Fedhiin hojii jiraannaan yaada qabnuun jijjiirama barbaadamu bira ga’uu dandeenya – Obbo Shimallis

Finfinnee, Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Fedhiin hojii jiraannaan yaada qabnuun jijjiirama barbaadamu bira ga’uu dandeenya jedhan Preezdaantiin mootummaa maannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Sochiin Warraaqsa Diinagdee Oromiyaa dhaabbilee misoomaa mootummaa fi ummata hirmaachisuudhaan fayyadamummaa diinagdee ummataa guddisuuf waggoottan muraasa dura eegalame itti fufee jira.
Qaama Warraaksa Diinagdee Oromiyaa kan ta’e Yaa’iin hundeeffama Waldaa Aksiyoona ‘Jaarraa Hoolding’ magaalaa Finfinneetti guyyaa har’aa gaggeeffameera.
Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hogganni olaanoon Naannoo, Boordiin Waldichaa fi miseensonni Yaa’icharratti argamaniiru.
Gorsaan kaampaanichaa obbo Takkaaliny Birhaanuu kaampaanichi investimentii dhuunfaa dhibbeentaa 51, kan hawaasaa dhibbeentaa 49 kan qabatedhaa jedhan.
Kaampaanichi hanga gaanfa Afrikaatti socho’ee kan hojjetuu fi teeknooloojii ammayyaan kan deeggarame ta’a jedhaniiru.
Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fedhiin hojii jiraannaan yaada qabnuun jijjiirama barbaadamu bira ga’uu dandeenya jedhan.
Mootummaan haala ni mijeessa dhaabbileen dhuunfaa sirnaan itti hirmaachuu qabu jedhan obbo Shimallis.
Abbootiin qabeenyaa fi bulchiinsi magaalotaa qooda guddaa bitachuu akka qaban ibsaniiru.
Akka OBN gabaaseetti obbo Shimallis qindoomnee karoora Warraaksa diinagdee eegalame galmaan ga’uuf qabeenya, beekumsaa fi carraa qabnu hundaatti fayyadamuun barbaachisaadha jedhan.
Abbootiin qabeenyaas karoora Oromiyaa misoomsuu eegalame galmaan ga’uuf tumsa kan taasiisan ta’uu mirkaneessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.