Fana: At a Speed of Life!

Paartileen Siyaasaa 47 kaadhimamtoota kuma 8 fi 209 galmeessiisan- Boordii Filannoo biyyaalessaa

Finfinnee,Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Galmee Kaadhimamtootaa Gurrandhala 8, 2013 eegalee gaggeeffamaa tureen Paartileen Siyaasaa 47 kaadhimamtoota kuma 8 fi 209 galmeessiisuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiise.
Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa Burtukaan Miidhagsaan galmee kaadhimamtootaa ilaalchisee har’a ibsa gaazexeessummaa laataniiru.
Guyyoota 22n darbanitti filannoo biyyaalessa marsaa 6ffaaf galmee kaadhimamtootaa gaggeeffameen Paartilee Siyaasaa beekkamtii seeraa argatan 49 keessa 47 kaadhimamtoota kuma 8 fi 209 galmeessiisuu himaniiru.
Nannoo filannoo 673 irratti kaadhimamtoonni galmaa’uu fi paartileen Siyaasaa 49 mallattoo dorgommii filannoo fudhachuu isaanii boordichi ibseera..
Namoonni 125 dhuunfan dorgomuuf kaadhimamaa ta’uun dhiyaachuu ibsaniiru.
Mattaagas Ayyalaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.