Fana: At a Speed of Life!

Baankiin misoomaa Afrikaa sirna kaffaltii elektirooniksii Ityoophiyaa ammayyeessuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 2.3 taasiise

Finfinnee,Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Baankiin misoomaa Afrikaa sirna kaffaltii elektirooniksii Ityoophiyaa ammayyeessuuf kan oolu deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 2.3 taasiiseera.
Boordiin daayreektiroota Baankii Misooma Afrikaa sirna kaffaltii bu’uraalee misoomaa ammayyeessuuf Ityoophiyaatti Baankii Biyyoolessaan kan hoogganamuu Waldaan Aksiyoona Iitii Iswiich deeggarsicha raggasiseera.
Deeggarsichi Afrikaatti sirna kaffaltii elektirooniksii babaldhisuuf kan hundeeffaman faasiilitii faayinansii diijitaala Afrikaa jedhamuu faandii addaa baankichaarra kan argamee ta’uu ibsameera.
Deeggarsichi Afrikaatti namoota miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 3 baankiitti hin fayyadamnee sirna kaffaltii dijiitalaan fayyaamoo taasisuuf kan kaayyeefate ta’u ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.