Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Taanzaaniyaa Maaguufuuliin koroonaan qabamuun Hospitaala Keeniyaatti argamu galan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Weerara Vaayraasii koroonaa tuffachuun kan beekaman Preezdaantiin Taanzaaniyaa Joon Maaguufuuliin dhibichaan qabamuun Hospitaala Keeniyaatti argamu galuun isaanii ibsameera.

Preezdaantich Keeniyaatti Hospitaala galuu isaanii hogganaan paartii mormaa Taanzaaniyaa Tuunduun himaniiru.

Preezdaant Joon Maaguufuuliin haalan dhukkubsachuu isaanii odeeffannoo qabaachuu BBCtti himaniiru.

Joon Maaguufuuliin guyyoota 11n darbaniif osoo hin muul’atiin turuu isaanii himameera.

Taanzaaniyaan Baatii Caamsaa darbe gabaasa vaayrasii koroonaa ifoomsuu kan dhaabde yoo ta’u, talaallii vaayrasichaa galchuuf eeyyamamtuu osoo hin ta’in hafteerti.

Preezdaant Joon Maaguufuuliin ummaanni Taanzaaniyaa kadhannaa taasiisuun koroonaa akka ittisan waamicha godhanii turan.

Mootummaan biyyattii dhimmicharratti yaada laachurraa of qusateera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.