Fana: At a Speed of Life!

Odeeffannoon mootummaan Ityoophiyaa mormitoota Sudaan deeggara jedhu bu’uura kan hin qabneedha – Ambaasaaddar Yibalxaal

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Sudaanitti Ambaasaaddara guutuun Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroon odeeffannoon mootummaan Ityoophiyaa mormitoota Sudaan deeggara jedhu bu’uura kan hin qabne ta’uu himaniiru.

Ambaasaaddar Yibalxaal haala waqtaawaa naannoo Tigraay ilaalchisee miidiyaalee idil addunyaa Sudaan keessatti argamanii fi miidiyaalee biyya keessaa Sudaaniif ibsa laataniiru.

Ummata Sudaan ollaa fi obboleeyyaan Ityoophiyaa ta’aniif odeeffannoo sirrii haala qabatamaa Ityoophiyaa qaqqabsiisuun barbaachisaa ta’uu ibsa laataniin himaniiru.

Gareen ABUT jalqabumarraa eegalee miidhaa fi Saamicha ummata Ityoophiyaarraan gahaa turuu, akkasumas haleellaa suukkaneessaa Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate, haleellaa sabarratti xiyyeeffate qaqqabsiisuu ibsa taasiisaniiru.

Yakkamtoota kanneen seeratti dhiyeessuuf tattaaffii taasiifamaa ture, deeggarsa namoomaa fi bu’uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruuf hojii hojjetamaa jiru,adeemsaa sarbama mirga namoomaa qaqqabe qulqulleessuu eegalamerratti miidiyaalee kanneeniif ibsa taasiisaniiru.

Wayita mootummaan Ityoophiyaa naannicha jireenya idileetti deebisuuf tattaaffii hunda galeessa taasiisa jirutti deeggartoonni ABUT biyya alaa jiraatanii fi miidiyaaleen tokko tokko olola Sobaa gaggeessuun Ityoophiyaarra dhiibbaan akka ga’u carraaqaa jiraachuu eeraniiru.

Himanni mootummaan Ityoophiyaa mormitoota Sudaan deeggara jedhu bu’uura kan hin qabne ta’uu himaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa mana ofiif ijaare deebisee hin diigu jedhan.

Nageenya amma Sudaan keessatti muul’atu fiduuf mootummaan Ityoophiyaa fi Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaan hedduu dhama’aniiru jedhan ibsa laataniin.

Lammiilee Ityoophiyaa Sudaanitti godaanaan deebisuuf mootummaa Sudaan waliin mari’atamaa jiraachuu kaasaniiru.

Godaantoonni murtaa’an deebi’uuf galmaa’us ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.