Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq dhaabbata gargarsaa daa’immanii ‘Hoop Foor Faazarlas’ jedhamu daawwatan

Finfinnee,Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen dhaabbata gargaarsa daa’immanii ‘Hoop Foor Faazarlas’ jedhamu daawwataniiru.
Dhaabbanni gargarsaa daa’immanii biyya keessaa ‘Hoop Foor Fazarlas’ jedhamu kun bara 2008 kan hundaa’e yoo ta’u, daa’immaan maatii hin qabnee fi deeggarsa barbaadan gargaaruuf kan hundaa’eedha jedhame.
Yeroo ammaa daa’immaan 35 guddisaa jiraachuu ibsameera.
Dhaabbatichi dhiyeessii meeshaalee barnootaa fi kanneen walqabatan irratti kan hojjetu ta’uus eerameera.
Biiroo dhimma Hojjetaa fi hawaasummaa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun biyya keessatti daa’immaan Guddifachaaf ni mijeessa jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.