Fana: At a Speed of Life!

Haaromsi buufata konkolaataa Magaalaa Amboo baatii lama keessatti xumuramee tajaajila idilee akka kennuuf hojjatamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Haaromsi Buufata Konkolaataa Magaalaa Amboo baatii lama keessatti xumuramee tajaajila idilee akka kennuuf hojjatamaa jiraachuun ibsame.
Buufanni konkolaataa magaalaa Amboo Birrii Miiliyoona 100 fi miilyoona 24n ijaaramuun tajaajila kennuu erga eegalee waggaa tokko ta’eera.
Buufaticha kan ijaarsise Biiroo Abbaa Taayitaa Geejibaa Oromiyaa yoo ta’u, Kontiraaktarri hojii ijaarsaa kana fudhatee hojjates, dhaabbata konistiraakshinii ALAS ture.
Akka kominikeeshiniin Godina Shawaa Lixaa beeksiseetti, ijaarsi buufatichaa rakkoo qulqullinaa waan godhateef hawaasa magaalaa Amboo Komachiisaa tureera.
Dhabbanni konistiraakshinii ALAS rakkoo qulqullinaa mul’ate kana sirreessuuf , Birrii miiliyoona 13 oliin haaromsa kan eegale yoo ta’u, baatii lama keessatti xumuramee tajaajilaaf akka ooluuf kan hojjatan ta’uu bakka bu’aan dhaabbata obbo Ashannaafii Isheetee himaniiru.
Akka ogeeyyiin jedhanitti, Sababni qulqullina dhabuu ijaarsichaa meeshaaleen ijaarsaa tartiiba isaa eegee walqabsiisuu dhabuu fi sab-beeziin jiidhina hanga barbaadamuu ol qabachuudha jedhan.
Rakkoon Walfakkaatan akka hin dabalamneef, tokkoon tokkoo meeshaalee ijaarsaa qoratamuun kan dhiyaatanii fi tartiiba isaa eeguun akka hojjatamuuf hordoffii barbaachisaa kan taasisan ta’uu Biiroo Abbaa Taayitaa Geejiba Oromiyaatti Daareektarri Daareektoreetii Misooma Daandii Injinar Ibraahim Amaan himan.
Akka jiraattonni magaalaa Amboo fi Ogeeyyiin Waajjira Abbaa Taayitaa Magaalaa Amboo jedhanittis, ijaarsicha irratti shakkii qaban irra deddeebiin himanis,dhaabbatichi isaan dhaga’uu waan dideef rakkoon kun uumame jedhu.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.