Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa guyyaa dubartootaa idil addunyaa kabaje
Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC)- Ministeerri Raayyaa Ittisa biyyaa guyyaa dubartootaa idil addunyaa kabajeera.
Ayyaanichi mata duree ‘gootoota keenyaa beekaa, dinqisifadhaa’ jedhuun kabajameera.
Kabaja ayyaanicharratti Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii fi Ministirri Ministeera Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Filsaan Abdulaahii argamaniiru.
Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti daayreektarri olaantuu dhimma dubartootaa Mejer Jeneraal Xiruuyyee Asfee, guyyaa dubartootaa idil addunyaa kabajuu qofaa osoo hin taanee dubartoonni kabajaa isaaniif maluu fi iddoo akka argataaniif hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Dubartoonni waltajjiwwan hedduurratti seenaa boonsaa kan hojjetan ta’us, hanga har’aatti miidhaaf saaxilamoodha jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.