Dooktar Abiy naannoo Amaaraatti Qamadii Gammoojjii jallisiin Qoogaatti misoomaa jiru daawwatan
Finfinnee, Gurraandhala 28, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad naannoo Amaaraatti Qamadii Gammoojjii jallisiin Qoogaatti misoomaa jiru daawwataniiru.
Dawwannaa kanarratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniinii fi Preezdaantii naannoo Amaaraa obbo Aganyi Tashaagar dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi naannoo argamaniiru.
Qoogaatti lafa hektaara kuma 5 fi 950 jallisiin uwwifame keessaa hektaarri kumni 3 fi 590 Qamadii gammoojjiin kan uwwifame yoo ta’u, hektaarri kumni 2 ammoo kuduraa fi muduraan uwwifamuu ibsameera.
Lafa hektaara kuma 3 fi 590 Qamadii gammoojjiin uwwifamerra oomishni kuntaalli kumni dhibbi 1 fi kumni 43 ni eeggama jedhame.
Naannoo Amaaraatti jallisii boneen lafti hektaarri kumni 13 ol Qamadiin misoomaa jiraachuu ibsameera.
Waliigala akka biyyaatti bara 2013 Qamadii Gammoojjii lafa hektaara kuma dhibba 3 ol jallisiin misoomeerra callaan kuntaallii miliiyoonni 2 ol kan eeggamu ta’uu eerameera.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.