Aadde Adaanach sosochii qulqullina magaalaa baatii 2f turu eegalchiisan
Finfinnee, Gurraandhala 27, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee sosochii qulqullina magaalaa baatii 2f turu eegalchiisaniiru.
‘Naannoo koo qulqulleessuun ani qulqullinaa fi miidhagina magaalaa koof ambaasaadaraadha’ mata duree jedhuun sosochiin qulqullina magaalaa baatii 2f turu eegalameera.
Aadde Adaanach sosochii qulqullina magaalaa hawaasa Kuma 25 hirmaachisu har’a bakka hoggantoonni olaanoon, artiistoonni bebbeekkamoon, miseensonni Komishiinii Poolisii magaalichaa argamanitti ifatti eegalchiisaniiru.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna