Manni Maree magaalaa Finfinnee muudamoota abbootii seeraa 21 raggaasiise
Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Manni Maree magaalaa Finfinnee yaa’ii idileesaa 2ffaa bara hojii 8ffaa gaggeessaa oole xummureera.
Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee abbootii seeraa sadarkaa mana murtii hawaasummaa, abbaa alangaa, garaagaaraa abbaa seeraatti tajaajilaa turan 21 kaadhimamtoota mana murtii sadarkaa jalqabaa fi mana murtii komii dhaggeefataa taasiisuun dhiyeessaniiru.
Abbootii seeraa 5 mana murtii komii dhaggeeffataa fi 16 ammoo mana murtii sadarkaa jalqabaa magaalaa Finfinneef dhiyeessaniiru.
Dabalataan aadde Adaanachi obbo Amantii Machaaluu Ooditara olaanaa magaalichaaf kaadhimuun dhiyeessaniiru.
Manni maricha muudama dhiyaate erga mirkaneessee booda muudamtoonni hundi sirna kakuu raawwachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa..
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.