Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan itti aanaa Komishinaraa Kimishinii Gamtaa Afrikaa yeroo hojii isaanii xummuran waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin itti aanaa Komishinaraa Komishinii gamtaa Afrikaa yeroo hojii isaanii xummuran Ambaasaaddar Kiweesii Kuwaariiteey waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan, itti aanaan Komishinarichaa wayita Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Gaanaa turan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hojii hojjetaniif galateeffattaniiru.
Akkasumas deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasiifamaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Duula olaamtummaa seeraa mirkaneessuu naannichatti gaggeeffame ilaalchisee Gamtaan Afrikaa dhimmicha hubachuun ejjennoo fudhate dinqisiifataniiru.
Ambaasaaddar Kiweesii Kuwaariiteey gama isaaniin turtii Ityoophiyaatti taasiisan keessatti deeggarsa godhameef galateeffachuun, michummaan Ityoophiyaa waliin qaban kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.