Fana: At a Speed of Life!

Agarsiifni duula addaa humna qilleensaa Duukamitti gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Xumura leenjii duula addaa humna qilleensaa irratti agarsiifni utaalcha qilleensarraa Duukamitti gaggeeffameera.
Agarsiisicha irratti Eetaamaajoorri waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jenaraal Birhaanuu Juulaa dabalatee hooggantoonni olaanoon raayyaa ittisa biyyaa argamaniiru.
Agarsiisichi dandeettii duula addaa humna qilleensaa kan agarsiisuu tahuu kan mul’isudha.
Leenjitoonni utaalcha humna qilleensaa dabalaataan leenjii oopireeshinii fi waraanaa kan fudhatan tahuu ibsameera.
Giddugala leenjii duula addaa humna qilleensaa jalatti kan argamu mana barumsaa utaalcha qileensarraa cimsuuf ijaarsa gamoo haaraaf dhagaan bu’uura ni kaa’ama jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.