Injifannoon Adwaa bilisummaa kan itti labsinee fi taatee seenaa guddaadha – Obbo Iristuu Yirdaaw
Finfinnee, Gurraadhala 23, 2013 (FBC) – Injifannoon Adwaa bilisummaa kan itti labsinee fi taatee seenaa guddaa ta’uu itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw ibsaniiru.
Itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa sababeeffachuu ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Abbootiin weerara Diinaa qolachuuf gosaan, bifaan, amantaa fi sabaan osoo wal hin qoodiin miira tokkoon seenaa hojjetaniiru jedhan.
Injifannoon Adwaa Injifannoo Ityoophiyaanootaa qofa osoo hin Injifannoo guutuu Afrikaa ta’uu ibsaniiru.
Guyyaa yaadannoo Adwaa waggaa 125ffaa wayita kabajnu qabsoo hiyyummaarratti eegalle cimsuun seenaa galmeessuu qabna jedhan.
Dhaloonni ammaa jalaala biyyaa gootoota durirraa barachuun tokkummaa biyyaalesaa cimsuun guddina biyyaaf dhama’uu akka qaban dhaamaniiru.
Qaamni hundi damee hojii irratti bobba’een cimee hojjechuun hiyyummaa seenaa taasiisuu qabu jedhaniiru.
Fuuldura keenya ibdiitu jira kan jedhan obbo Iristuun, biyya keenya gara boqonnaa olaanaatti ceesiisuuf dhaloota ammaarraa hojii guddaatuu eeggama jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo
waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.