Seenaan dhugaa injifannoo Adwaa dhalootaatti akka darbu hayyootarraa hojii baay’eetu eeggama – Dooktar Hiruut Kaasaaw
Finfinnee, Gurraandhala 22, 2013 (FBC) – Seenaa dhugaa injifannoo Adwaa dhalootaatti dabarsuuf hayyootaraa hojii baay’een kan eeggamu ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw dubbataniiru.
Seenaa injifannoo Adwaa waggoottan darban jallifamee barreeffame sirreessuuf dhaabbilee barnootaa olaanoorraa hojiin hedduun kan eeggamu ta’uu eeraniiru
Guyyaa injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa sababeeffachuun waltajjiin marii ‘seenaa Adwaa ilaallee Hayyootan’ mata duree jedhuun Ministeerri Aadaa fi Tuuruizimii qopheesse har’a Finfinneetti gaggeeffameera.
Seenaan dhugaa injifannoo Adwaa sirriin dhalootaatti akka darbu hayyootarraa hojii guddaan kan eeggamu ta’uu Dooktar Hiruut ibsaniiru
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.