Obbo Dammaqaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa Noorweey waliin mari’atan
Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Noorweey Iyinee Eeriksan Sooraayid waliin bilbilaan mari’atan.
Obbo Dammaqaan Ejansiin deeggarsa namoomaa kamiiyyuu naannoo Tigraay galuun lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa namoomaa taasiisuu akka danda’au ibsaniiru.
Naannichatti deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu fi bu’uuraaleen misoomaa hojii eegaluu, akkasumas hojjettoota Paablik Sarvaantiif mindaa dhiyaachaa jiraachuu Iyinee Eeriksan Sooraayidiif ibsa taasiisaniiru.
Naannichatti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadan miiliyoona 3.1f deeggarsi namoomaa dhiyaachuu ibsaniiru.
Deeggarsa hanga ammaatti taasiifame keessaa % 70 mootummaan kan uwwifame ta’uu fi % 30 ammoo dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaan kan dhiyaate ta’uu ibsa taasiisaniiru.
Sarbama mirga namoomaa naannichatti qaqqabe jedhame qulqulleessuuf koreen ogeeyyii, Abbaa Alangaa Federaalaa fi Humna Poolisii Federaalaa irraa walitti hunda’e gara sana ergamuu eeraniiru.
Obbo Dammaqaan dhimma adeemsa marii sadee ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa ilaalchisee gaggeeffamaa jirurattis ibsa laachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.