Magaalaa Sandaafaatti sagantaa nyaata barattootaaf qophaa’e
Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC)- Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Magaalaa Sandaafaatti sagantaa nyaata barattootaaf qophaa’eera.
Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti mana barnootaa Jimaa Sanbateetti, raabsa barrullee barnootaa fi uffata danbii akkasumas sagantaa nyaata barattootaa qophaa’eera.
Saganticharratti Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi itti aantuun kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee argamaniiru.
Barattoonni Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee akkuma barattoota Magaalaa Finfinneetti tajaajila nyaata, dabtaraa fi uffata danbii ittiin baratani akka argataniif murtee kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee murteesseen waggaa baranaa kaasee barattoonni godinichaa bajata bulchiinsa magaalaa Finfinneen tajaajila kana akka argatan taasifamuu ibsameera.
Obbo Shimallis Abdiisaa sirna wal harkaa fudhiinsa gargaarsaa magaalli Finfinnee Barattoota Godina Addaa Oromiyaa Nannawaa Finfinnee ta’aniif kenne irratti haasa taasisaniiru.
Finfinnee fi Godinni Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee bu’aa siyaasaaf jecha hundeeffama Finfinneerraa hanga boqonnaa jijjiiramaatti walirraa dhiibamaa akka ture himaniiru.
Amma kun seenaa ta’ee darbeera, seenaa haaraatu jalqabamaa jiras jedhaniiru.
Bu’aa siyaasaaf jecha seerri uumaa cabe. Uumaa ganamaatti deebi’uu qabna jechuun dubbataniiru.
Finfinnee fi GAONF kan halaalatti wal dheessan osoo hintaane qaama waliiti. Finfinneen GAONF malee jiraachuus hin dandeessu.
Uumaa ganamaa bu’uura godhannee hojii jalqabne waliin taanee biyya hunda keenyaaf taatu ijaarra jedhaniiru.
Aadde Adaanach Abeebee Finfinneen baroota dheeraaf yaaddoo Uummata Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee turte, amma kun seenaa ta’eera jedhan.
Uummata babal’ina Fifinneetiif aarsaa kaffale tumsuuf yeroon isaa amma kan barnootaan jalqabne tajaajila bishaaniifi daandiinis itti fufa jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.