Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dirree Dawaatti kan gaggeeffame dorgommii walakkaa maaratoonii Ityoophiyaa 14ffaa injifannoo atileetota Oromiyaan xumurame

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2013 (FBC) -Magaalaa Dirree Dawaatti kan gaggeeffame dorgommii walakkaa maaratoonii Ityoophiyaa 14ffaa injifannoo naannoo Oromiyaa fi kilabii poolisii Oromiyaan xumurameera.
Ka’umsi mana barumsaa Bisiraata Gabreel taasifachuun dandiiwwan gurguddaa kan haammate, dorgommiin walakkaa maaratoonii Ityoophiyaa irrattinaannoolee 5 fi bulchiinsa magaalaa 2, dorgomtoonni kilabaa fi dhuunfaa 14 hirmaataniiru.
Dorgommii dubartootaan Atileet Sambaree Tafarii 1ffaan yoo xumurtu, Atileet Hiywaat Gabrakidaan 2ffaa, Atileet Fitaaw Zaraay 3ffaa bahuun xumurteetti.
Dorgommii dhiirootaan Atileet Lu’aal Gabryees 1ffaa, Atileet Sisaay Lammaa 2ffaa, Atileet Balaay Xilaahuun 3ffaan xumureera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.