Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaaf deeggarsa talaallii covid-19 taasisufi

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) –Chaayinaan Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaaf deeggarsa talaallii covid-19 taasisufi akka jirtu Imbaasiin Chaayinaa Ityoophiyaatti argamu beeksise.
Kunis, Preezdaantiin Chaayinaa Zhi Jiinpiing ummanni addunyaa talaalii vaayrasii koroonaa akka argataniif waada galan galmaa’na gahuuf tarkaanfii tahuu Imbaasichi ibsa Faanaa Biroodkaastiingi koorporeetiif eergeen beeksiseera.
Weerarichi sadarkaa idil addunyaattii babbal’achaa wayita jirutti talaaliin vaayrasii koroonaa tumsa idil addunyaa tahuu qaba jedheera.
Kanaafis, Chaayinaan tumsa talaalii vaayrasii koroonaa cimsuun hawaasa idil addunyaa waliin hojjechuuf qophii tahuu ibseera.
Talaallichi namoota biyyoota hundarra jiraniif gatii madaalawaan birra akka gahuuf ni hojjetaa jedhameera.
Bu’uuruma gaaffii dhaabbata Fayyaa Addunyaa gaafatameen Chaayinaan biyyoota guddinarra jiraniif talaallii vaayrasii koroonaa Doozii miiliyoona 10 laachuuf murteessuu ibseera.
Dabalataanis, Chaayinaan hanga ammaatti biyyoota guddinarra jiran gaaffi dhiyeessaan 53 deeggarsa talaallii kan laatte yoo tahu, talaalliichi gara biyyoota 22tti ergamuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.