Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa jaalalleewwanni sababeffachuun Ababoon miiliyooni 95 gara giddugala adda addaatti geejjibsifame

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Guyyaa jaalalleewwanni sababeffachuun Ababoon miiliyooni 95 gara giddugala adda addaatti geejjibsifamu Dhaabbanni Tajaajila Loojistikii Geejjiba Galaanarraa beeksise.
Dhaabbatichi guyyaa jaalaleewwanii sababaeffachuun torbee 2 keessatti Ababoo miiliyoona 95 (toonii kuma 4 fi 600) magaalaa Naayiroobi fi Magaalaa Finfinnee irraa gara biyyoota gara garaatti geejjibsiifamuu beeksise.
Dhaabbatichi Magaalaa Naayiroobi irraa Ababoo toonii kuma 1fi 600, magaalaa Finfinneerraa immoo Ababoo toonii 3000 gara Beeljiyem, Kootidiivoor, Jarmaan, Xaaliyaan, Gaamtaa Emmiretoota Arabaa , Ameerikaa, Kooriyaa Kibbaa, Sa’ud Arabiyaa, Afrikaa Kibbaa fi kanneen birootti geejjibsiseera.
Akka Addis Miidiyaa Neetwoork gabaaseetti, Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa Ababoo gara biyyaa alaatti ergan keessaa sadarkaa 2ffaa irraatti argamti.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.