Fana: At a Speed of Life!

Murtoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa gaggeessuuf hojiileen dandeessisan raawwatamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Koreen hojii raawwachiiftuu murtoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa murtoo ummataa gaggeessuuf hojiilee dandeessisan raawwachaa jiraachuu ibseera.

Korichi har’a Mana Maree Federeeshinii fi Boordii Filannoo Biyyaalessaa waliin marii gaggeesseera.

Ummatoonni Kibba Lixa Ityoophiyaa haaluma gaaffii naannoo ta’uu gaafataniin Manni Maree Federeeshini gaaffiin ummataa deebii akka argatuuf murtee dabarsuu fi murtichas Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa akka raawwachiisu murteessuu walitti qabaan korichaa obbo Maasrashaa Balaachaw ibsaniiru.

Adeemsi murtoo laachuu karaa nagaan akka gaggeeffamuuf murtoo dura, wayitaa murtoo fi murtoo booda hojiileen raawwataman haalaan akka durfamaniif hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Yeroo itti aanu qophii heera mootummaa, hojiilee hariiroo ummataa, loogoo, Alaabaa, Afaan, qophii karoora misoomaa fi erga murtoon ummataa gaggeeffamee waliiti dhuufeenya hawaasa naannichaa caalmaatti cimsuuf hojiilee dandeessisan raawwachuuf koreen 5 hundaa’ee gara hojiitti galuu ibsameera.

Koreen kun gaaffiin naannoo ta’uu ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa karaa nagaan murtoo ummataa akka argatuu fi ce’umsi nagaa akka taasiifamuuf koree qaamolee Federaalaa hammachuun hundaa’e ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faaraahi dubbataniiru.

Korichi Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi Mana Maree Federeeshinii waliin tumsaan kan hojjetu ta’uus ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.