Fana: At a Speed of Life!

Guutuu Oromiyaatti leenjiin hojjettoota mootummaaf laatamaa ture xummurame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Guutuu Oromiyaaatti leenjiin hubannoo cimsuu hojjettoota mootummaaf guyyoota darban laatamaa turee xummuramuu ibsameera.
Leenjiin kun har’a aanaalee, godinaalee, Bulchiinsa magaalotaa fi Biiroolee Oromiyaa hedduu keessatti xummurameera.
Hojjettoonni mootummaa kumni dhibbi 5 ol leenjii kana hordofaniiru jedhameera.
Leenjiiin hubannoo cimsuu hojjettoota mootummaa kun guyyoota afuriif itti fufiinsaan laatamaa kan ture yoo ta’u, guyyaa xummura leenjichaa leenjitoonni hojii tola ooltummaa garaagaraa raawwataniiru.
Hojii tola ooltummaa dhiiga arjoomuu, naannoo qulqulleessuu fi harka qalleeyyii gargaaruu raawwataniiru.
Jijjiirrama hunda galeessaa fi haala qabatamaa paablik saarviisii irratti kan xiyeeffatu leenjiin kun aanaalee, godinaalee, bulchiinsa magaalotaa fi biiroolee naannoo Oromiyaa hunda keessatti bifa walfakkaatuun laatamaa turuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.