Fana: At a Speed of Life!

Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Misoomaa Idil Addunyaa Ameerikaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC)- Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Misoomaa Idil Addunyaa Ameerikaa (USAID) Sheen Joonsii fi Ityoophiyatti miseensoonni Imbaasii Ameerikaa Magaalaa Maqalee galaniiru.
Daayrektarichi bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayii, qindeessaa labsii yeroo aarifaachisaa fi hooggantoota hojii mootummaa federaa fi naannichaa waliin dhimmoota garagaarratti mari’ataniiru.
Miseensoonni Imbaasii Ameerikaa yaadoota fala furmaata adda baasee dhiyeessuun deeggarsa namoomaa naannichatti taasifamuu miidhamtoota deeggaruuf tattaaffii tumsuuf qaamolee tumsitoota waliin qindoominaan hojjechuun itti fufa jedhaniiru.
Ameerikaan naannoo Tigraayitti wabii nyaata mirkaneessuu fi hiyyummaa hir’isuuf deeggarsoota garaagaraa taasisaa turteetti.
Bara Faranjoota 2021 deeggarsaa namoomaa fi misoomaaf kan oolu deeggarsa Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 100 akka taasiftuu USAID beeksiseera.
Maallaqichi baqattootaa fi buqqaatoota biyyaa keessaa deeggaruuf, deeggarsa nyaata aarifachiisaa, dhiyeessii bishaan dhugaati, da’aannaa fi meeshaalee qulqullinaaf kan oolu ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.