Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach hoggantoota boordii yaa’ii dhaabbilee amantaa Ityoophiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hoggantoota Boordii Yaa’ii Dhaabbilee amantaa Ityoophiyaa waliin mari’ataniiru.
Tasgabbii fi nageenyi magaalichatti muul’ate itti fufiinsa akka qabaatuuf dhaabbileen amantaa qooda irraa eegamu ba’uu qabu jedhan aadde Adaanach.
Dhaabbileen amantaa nagaan akka bu’uuf mootummaa cinaa ta’uun gumaachi taasiisan olaanaa ta’uu kan ibsan aadde Adaanachi hordoftoonni amantaa sosochii nageenyaa, tokkummaa fi waldanda’uun waliin jiraachuu cimsanii itti fufu qabu jedhan.
Weerarri lafa seeraan alaa dhaabbilee amantaa biratti muul’atu dhaabbachuu qaba kan jedhan aadde Adaanach, dhaabbileen lafa seeraan ala qabatan deebiisuun hawaasaaf fakkeenya ta’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Miseensoonni hoggantoota Boordii Yaa’ii Dhaabbilee amantaa Ityoophiyaa gama isaaniin, bulchiinsi magaalichaa gaaffilee dhaabbilee amantaa hunda sadarkaa sadarkaan deebisuun seerri akka kabajamuu, gaaffilee hawaasaa ijoo ta’an deebisuuf tattaaffii taasiisaa jiru dinqisiifataniiru.
Xiyyeeffannoo harka qalleeyyiif bulchiinsi magaalichaa laate galateeffachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.