Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti taaksiiwwan Laadaa moofaa haaraan bakka buusuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Taaksiiwwan Laadaa moofaa kuma 10 fi 500 haaraan bakka buusuuf hojjetamaa jiraachuun Abbaan Taayitaa Geejjibaa magaalichaa beeksise.
Taaksiiwwan Laadaa Cuquliisa kuma 10 fi 500 Adiin bakka buusuuf qophiin xumuramuu Abbaan Taayitichaa ifoomseera.
Laadawwan waggoota 50 ol tajaajilan kuma 10 fi 500 taaksiiwwan ammayyaan bakka buusuuf waliigalteen mallattaa’uu ibsameera.
Taaksiiwwan kanneen haaraan bakka buusuuf birrii biiliyoona 6 ol Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa liqaa mijeessuu ibsameera.
Akka EBCn gabaaseesstti Taaksiiwwan haaraan kunneenis baatiwwan arfan dhufan keessatti gara hojiitti ni galu jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.