Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan Daayreektara olaanaa Baankii Misooma Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan Daayreektara olaanaa Baankii Misooma Afrikaa Cheeptoo Amoos waliin mari’ataniiru.

Proojektoota tumsa dhaabbatichaan hojjetaman ilaalchisee marii taasiisaniiru.

Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan sosochii hojiilee misoomaa manni hojjechaa raawwataa jiru ibsa taasiisaniiru.

Daayreektarri olaanaan Baankii Misooma Afrikaa Cheeptoo Amoos gama isaaniin proojektii bishaan dhugaatii Maqaleetti hojjetamaa jiruu fi kanneen biroorratti ibsa gaafachuun ministirichii fi hoggantoonni hojii biroo deebii itti laataniiru.

Adeemsa marii sadee hidha haaromsaa ilaalchisee daayreektarichaaf ibsi taasiifameera.

Guutiinsi bishaanii marsaa jalqabaa hidhichaa ganna darbe raawwachuun isaa Sudaan balaa Lolaa hammataarra baraaruu ibsa taasiisaniiru.

Hidhicha Ityoophiyaanoonni humna, beekkumsaa fi maallaqa ofiin ijaaruun yeroo ammaa raawwiin isaa 78.3 qaqqabuu ibsameera.

Ityoophiyaan ijaarsa hidhichaa xumuruun Baha Afrikaa anniisaan walitti hidhuuf hojjechaa jiraachuu daayreektarichaaf ibsi taasiifameera.

Misooma walitti hidhamiinsa Ityoophiyaa fi Keeniyaaf deeggarsa maallaqaa Baankichi taasiiseef galateeffachuu ragaan Ministeera Bishaan Jallisii fi Iinarjiirraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.

Viidiyoowwanis daawwadhaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.