Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebee fi Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa dabalatee hoggantoonni biroon barsiisoota waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2013 (FBC)-Itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Ministirri Ministeera barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuun barsiisoota kutaa magaalaa garagaraarra walitti babba’aan waliin mari’ataniiru.
Aadde Adaanach Abeebeen jijjiirramichi kallattiiwwan hundaan ka’umsaarra kaasee as akka ga’uuf qaamoleen deeggarsa taasisaan keessaa tokkoo hawaasa barnoota waliigalaati jedhaniiru.
Ministirri Ministeera barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa gama isaaniitin, bulchiinsi magaalichaa damee barnootatti xiyyeeffannoo laachuun hojjechuu isaaf galateeffataniiru.
Jijjiirrama argameen hundi walqixa fayyadamaa akka ta’uuf dursa dhaloota egeree naamusa gariin ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru.
Kanaafis barsiisoonnii fi qaamoleen dhimmi ilaallatuu shooraa isaanii ba’achuu qabu jedhaniiru.
Rakkoo mana jireenyaa fi gaaffiwwaan biroo barsiisootaan walqabsiisee bulchiinsi magaalichaa hanga danda’ee hojjechaa jiraachuu aadde Adaanach ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuun, jijjiirramni biyyaalessaa galma akka ga’uu fi tokkummaa fi waliigalteen biyyaa akka uumamuuf hundi ga’ee ofisaati ba’uu qaba jedhaniiru.
Kun galmaa akka ga’uufis baatii darbee keessaa kuta hawaasa garaagaraa waliin mariin taasifamuu ibsaniiru.
Marichaarrati daayreektaroonni kutaa magaaloota garagaraarra walitti babba’aan kumni 3, barsiisoonni, suupparvaayzaroonnii fi hoggantoonni damee barnootaa kan hirmaatan yoo ta’u, Biiroon Barnoota magaalaa Finfinnee koree maatii barattootaa fi waldaa barsiisoota magaalaa Finfinnee waliigaltee mallateessaniiru.
Dabalataanis hirmaattoonni waltajjichaa Paarkii Obbolummaa daawwaachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaatii Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.