Obbo Dammaqaan daawwannaa hojiif boruu gara Turkii ni imalu
Finfinnee, Gurraandhala 7, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin daawwannaa hojiif boruu gara Turkii ni imaluu jedhameera.
Obbo Dammaqaan daawwannaa hojii guyyoota 2f taasisaaniin aangaa’oota Turkii waliin hariiroo biyyoota lamaaniirratti ni mari’atuun eegama.
Ityoophiyaa fi Turkiin hundeeffamaa hariiroo dippiloomaasii waggoota 125f kabajamuu sababeeffachuun imbaasii Ityoophiyaa Ankaaraatti argamuus ni eebbisiisuun eegama.